المشاركات

عرض المشاركات من نوفمبر, ٢٠٢٠

Ahkaamota raadiyoo mb irraa

AĤKAAMOTA XAHAARAA FI BISHAANII Ŝalaanni arkaana Islaamaa keessaa shahaadatayniitti (ragummaa lammanitti)1 aanee ruknii (utubaa) lammaffaati. Isiin muslimaa fi kaafira kan addaan baaftuudha. Isiin utubaa Islaamaati; kan namni waan hunda dura irraa qoratamuudha; yoo isiin sirrii taatee fudhatama argatte hojiileen isaa kan biraas fudhatama argatu; yoo isiin fudhatama dhabdee deebifamte hojiileen isaa kan biraas ni deebifamu. Namichi salaatu najisaa fi ĥadatha irraa yoo qulqullaahe malee ŝalaanni isaa waan sirrii hin taaneef jecha waan isii dursanii hojjattan dursanii ilaaluun barbaachisaa ta’a. Kanneen keessaayis inni tokko xahaaraa yoo ta’u, isiinis furtuu ŝalaataati. Xahaaraan ulaagaalee (shuruuxa) ŝalaataa keessaa isa jabaadha. Ulaagaan waan tokkoo immoo waan san dura bu’ee argamuu qaba. Hiika Xahaaraa Akka qooqaatti xahaaraa jechuun xurii qaamaa fi sammuu irraa qulqullaahuu jechuudha. 1 Shahaadataynii (ragummaa lamman) jechuun Rabbiin male (kan dhugaan waaqeffata

Bishaan

Bu’uura Bishaanii Bishaan wanti biraa odoo itti hin makatin uumama isaa irra kan jiru yoo ta’e walii-galtee ulamoota hundaatiin (ijmaa’âan) xahuura1 jedhama. Bu’uurri bishaanii kana. Haala isaa sadeen keessaa – foolii, dhandhama, yookiin bifa isaa keessaa tokko yoo waan najisa ta’een jijjiirame bishaanichi ijmaa’âan najisa. Wanti xahaaraa (qulqulluu) ta’e kan akka baala mukaa, saamunaa, qurquraa, yookiin kkf itti makamee yoo jijjiirame, wanti itti 1 Xahuura jechuun bishaan ofiifis qulqulluu ta’ee waan biraas qulqulleessuu kan danda’u jechuudha. � makame sun baay’ina isaa irraa kan ka’e bishaanummaa isaa yoo hin jijjiirin gariin ulamootaa yaada addaa kan qaban ta’ullee yaada irra sirrii ta’een bishaanichi xahuura. Bishaanichaan ĥadatha irraayis ta’e najisa irraa of qulqulleessuun ni danda’ama. Kanaaf jechas bishaan lamatti qoodama jenna:- Tokkoffaan:- xahuura. Kan waa qulqulleessuu danda’u. Innis kan waan najisa ta’een hin jijjiiramin, yookiin waan xahaaraa (qulqulluu

Abdosh_Aliyyii_Namni Yaada Hamaa Harsamaan Sagada

Ustaaz abdoosh aliyyii mee daawwadhaa raadiyoo. Mb irraa src="https://www.youtube.com/embed/6exWOj4BBJo" frameborde