Ahkaamota raadiyoo mb irraa
AĤKAAMOTA XAHAARAA FI BISHAANII
Ŝalaanni arkaana Islaamaa keessaa shahaadatayniitti (ragummaa
lammanitti)1 aanee ruknii (utubaa) lammaffaati. Isiin muslimaa fi
kaafira kan addaan baaftuudha. Isiin utubaa Islaamaati; kan
namni waan hunda dura irraa qoratamuudha; yoo isiin sirrii
taatee fudhatama argatte hojiileen isaa kan biraas fudhatama
argatu; yoo isiin fudhatama dhabdee deebifamte hojiileen isaa
kan biraas ni deebifamu.
Namichi salaatu najisaa fi ĥadatha irraa yoo qulqullaahe malee
ŝalaanni isaa waan sirrii hin taaneef jecha waan isii dursanii
hojjattan dursanii ilaaluun barbaachisaa ta’a. Kanneen keessaayis
inni tokko xahaaraa yoo ta’u, isiinis furtuu ŝalaataati.
Xahaaraan ulaagaalee (shuruuxa) ŝalaataa keessaa isa jabaadha.
Ulaagaan waan tokkoo immoo waan san dura bu’ee argamuu
qaba.
Hiika Xahaaraa
Akka qooqaatti xahaaraa jechuun xurii qaamaa fi sammuu irraa
qulqullaahuu jechuudha.
1 Shahaadataynii (ragummaa lamman) jechuun Rabbiin male (kan dhugaan
waaqeffatamu) waaqni biraa akka hinjirree fi Muĥammad garbicha Rabbiitii fi
ergamaa isaa ta’uu raga bahuu jechuudha.
Akka shari’âatti immoo xahaaraa jechuun ĥadatha fi najisa of
irraa dhabamsiisuu jechuudha.
Ĥadathni kan nama irraa baduu danda’u – ĥadatha guddaa (kan
akka janaabaa) yoo ta’e yaada (niyyaa) godhatanii qaama guutuu
bishaaniin dhiquudhaan yoo ta’u, ĥadatha xiqqaa (wuduu’a
dhabuu) yoo ta’e immoo qaama arfan dhiquudhaan. Yookiin
immoo yoo bishaan hin jiraanne yookiin yoo bishaan
fayyadamuun miidhaa kan fidu yoo ta’e bakka bishaanii haala
addaatiin biyyoo fayyadamuu dha. Ĥadatha lamaan irraa akka itti
qulqullaahamu gara fuulduraatti ilaalla.
Xuriin yookiin najisni shari’âa keessatti waan fokkataa yoo ta’u
najisa irraa akkamitti qulqullaahuun akka danda’amu gara
fuulduraatti ilaalama.
تعليقات
إرسال تعليق