yeroo jettu

 😊......Yeroo jattu......?


Ergamaan Rabbii(Sallallaahu aleeyhi wasallam) yeroo namni tokko "akkana akkana" ja'ee waan takka itti dubbatu gubbaa isaa laaleetuma irraa qeebala yoo kijibanillee hanga Rabbiin wahyii buusee haqa muruu.


Umaral Faaruuq(R A) yeroo namni wahi dubbatee "maal maal..."ja'u gubbaa isaa laaleetuma irraa qeebaleeti "Wahuma gubbaarraa nuu mullateen isin qabna silaahuu wahyiin addaan citteeti jirtiitii" jachaanii ture. 


Mee akkas hin janneetii ati daa'iifni darreen nafsiyyaa isaatuu injifatuu dadhabe khun maalumaatuu siif taheehi "bar garsiifannaaf akkana godhataa,bar beekkamtii barbaadaaf akkana godhataa,Rabbiif jacha waa himu jira seetee..maal maal" jattee ikhlaasa namaa baraabbartuuf. Moo ati wahyii gaafa Umar sanuu addaan citteetuu amma si bu'u jiramoo? 


#Hubadhu :- bar garsiifannaaf akkana ja'aa yeroo namaan jattu bar ikhlaasa hin qabuu jachu jirtaa,bar shirki dalagu jiraa jachaa jirtaa. Ikhlaasa jachuun hiccitii Rabbiifii gabricha jidduu jirtu si dhiisii malaaykaan hojii namaa barreeysitu sanuu ikhlaasa qabaachuu namaa hin beeytu. Gabrichi hojii gaarii dalaguuhuu yeroo garii ikhlaasa dhabuu isaa firratti hin beekhu tanaaf rasuulli Rabbii(sallallaahu aleeyhi wasallam) "......yaa Rabbi waaniin odoon hin beeyne sitti sharreeysiiserraa araaramaan si gaafadha..." Ja'aa ja'ee nu barsiise.  

😍Waan dubbattuu Eeggadhu. Rabbiin naafii sillee haa tiiysuutii!

تعليقات

Raadiyoo MB

Hidda laatiinsa oromoo

RMB

Bishaan

Naamusa hirriibaa

kuni haala keenya kan keessa jirru