Naamusa hirriibaa

Sagantaa barruun dhiyaatte Naamusa hirriibaa MB 1ffaa:👉 Yeroo Rafuu barbaadde osoo hin rafin dura akka yeroo salaatuuf wuduu'a godhattuu sanitti wadda'adhu (dhiqadhuu rafi). maaliif yoo jette? Maaltu beeka tarii achumaan du'utu mala, yoo duute immoo haala xahaaraa qabduun du'uu wayya !!!. 2ffaa:👉 Towbaa heddummeessi galatas Rabbiif galchi du'aayiis qara'i. 3ffaa:👉 Aayata kursii fi Suuratu An-Naas akkasuma Suuratu Al-Falaq ammas Suuratu Al-Ikhlaasii fi kan kana fakkaatu ufitti qara'ii du'aayiis godhadhuu harka keetitti tuttufii qaama kee hunda haxaawadhu. 4ffaa:👉 Siree ykn bakka ciiftu san qajeelatti qulqulleessuu yaali. Akka carraa tahee rammoo fi wanti nama miidhu irra jiraatee osoo ati hin beekne simiidhutu mala. 5ffaa:👉 Harka kankee kan gara mirgaa jiru irratti rafi, garaanis gadi gargaltee hin rafin. Yeroo raftu san onnee teetis qulqulleessi hamtuu irraa. 6ffaa:👉 Hirriba yoo inni siif hin dhufinis dirqamaan itti uf hin cinqin 7ffaa:👉 Yeroodhaan rafuu yaali akka salaanni ganamaa fi hojiin osoo ati raftu sijalaa hin tarreef jecha. 8ffaa:👉 Uffatuma guyyaa keessa oolteen hin rafin jijjiiradhu, uffata halkanii uffadhuu bakka gaarii irra rafi. 9ffaa:👉 Yeroo hirribni dhufe dhiiraa fi dubartiinis adda addatti rafuu qabdi. Garuu ijoollee waggaa torbaa gadii fi abbaan manaa fi haati manaa waliin rafuu dandayan. Namoonni kuun immoo qullaa waliin rafuun dhoorgaadha. Uffata qabaachuu ykn adda adda rafuu barbaachisa. 10ffaa:👉 Yeroo hirribaaf qophooftu ifaa mana keetii dhaamsi, ammas Fooddaa fi balbala mana keetii cufadhu. Meeshaa nyaataa fi dhugaatii akkasuma meeshaa qadaada qabu hundaa itti qadaadadhuu rafi. akka carraa tahee wanni badaan akka keessa sijalaa hin buuneef jecha. 11ffaa:👉 Yeroo hirriba keessatti Fuuraan sitti guddate ka'ii waduu'a godhadhuu du'aayii godhii rafi. 12ffaa:👉 Abjuu bareeda yoo argite nama jaalattuu fi kan hiika beekuuf himi, yoo hamtuu argite towbadhuu qaama kee jijjiirii Qur'aana ufitti qara'ii rafi namaafis hin himin. 13ffaa:👉 Yoo dandeesse halkanis ka'ii sunnaa halkanii salaati Rabbiin sirraa jaalataa. 14ffaa:👉 Hirriba hin guddisin yeroo murtaawaa tahe qofa kenniif, sagantaadhaan rafi ykn yeroon rafii yeromaan ka'i. 15ffaa:👉 Yeroo hirriba irraa kaate du'aayii godhadhu Alhamdulillaah jechuu guddisi. 16ffaa:👉 Yeroo hirribaa kaate akkuma kaatee harka kankee meeshaa fi afaan kee hin seensisin, dura dhiqadhuu qulqulleessii achi booda waan feete hojjadhu. Harki kee bakka bultu hin beektu ati saniifuu qulqulleessi. Dhuma irratti Ergaaleen kun akkaataa hirriba Nabiyyii keenyaati saniifuu jabeessi. Ammas barreeffama kana #SHARE godhii hiriyyaa kee biraan gahii atis ajrii irraa argatta insha allaah Raadiyoo madda beekumsaa_MB yaada keysan nuuf qooduu hin dagatinaa

تعليقات

إرسال تعليق

Raadiyoo MB

Hidda laatiinsa oromoo

RMB

Bishaan

yeroo jettu

kuni haala keenya kan keessa jirru