Bishaan

Bu’uura Bishaanii Bishaan wanti biraa odoo itti hin makatin uumama isaa irra kan jiru yoo ta’e walii-galtee ulamoota hundaatiin (ijmaa’âan) xahuura1 jedhama. Bu’uurri bishaanii kana. Haala isaa sadeen keessaa – foolii, dhandhama, yookiin bifa isaa keessaa tokko yoo waan najisa ta’een jijjiirame bishaanichi ijmaa’âan najisa. Wanti xahaaraa (qulqulluu) ta’e kan akka baala mukaa, saamunaa, qurquraa, yookiin kkf itti makamee yoo jijjiirame, wanti itti 1 Xahuura jechuun bishaan ofiifis qulqulluu ta’ee waan biraas qulqulleessuu kan danda’u jechuudha. � makame sun baay’ina isaa irraa kan ka’e bishaanummaa isaa yoo hin jijjiirin gariin ulamootaa yaada addaa kan qaban ta’ullee yaada irra sirrii ta’een bishaanichi xahuura. Bishaanichaan ĥadatha irraayis ta’e najisa irraa of qulqulleessuun ni danda’ama. Kanaaf jechas bishaan lamatti qoodama jenna:- Tokkoffaan:- xahuura. Kan waa qulqulleessuu danda’u. Innis kan waan najisa ta’een hin jijjiiramin, yookiin waan xahaaraa (qulqulluu) ta’een bishaanummaan isaa kan hin jijjiiramin. uumama isaa irra kan jirus ta’ee bishaanummaa isaa kan hin jijjiirre wanti qulqulluun kan itti makatee maqaa bishaan jedhu kan irraa hin jijjiirin. Lammaffaan:- najisa. Inni ĥadathas ta’ee najisa kan hin qulqulleessineedha. Inni bishaan bifti, fooliin yookiin dhandhamni isaa najisaan jijjiirameedha. Hubachiisa:- Bishaan najisa ta’ee fi akkasumas dhangala’aan najisa ta’e najisummaa isaa waan irraa balleessu kamiinuu qulqullaahuu ni danda’a – itti makuudhaan, yookiin miiruudhaan (dhimbiibuudhaan), yookiin ofumaan jijjiiramuudhaan, yookiin danfisuudhaan, yookiin kkfn qulqullaahuu ni danda’a. Kunis waan murtiin (ĥukmiin) jiraachuus ta’ee dhabamuudhaaf sababaa isaatti rarra’uuf jecha. Hubachiisa:- Nyaachuu fi dhuguu waan hin ta’iniin waan najisa ta’etti fayyadamuun ni danda’ama. Kunis ĥadiitha Muslim Jaabiriin (râ) eeruudhaan gabaase bu’uura godhachuudhaan. Kunis ŝaĥaabonni moora waan du’ee “gogaatti dibatama, dooniitti �rirriitama, namoonnis ni bobeeffatu” jennaan Nabiyyiin (ŝâw) waan mirkaneessaniif.1 Hubachiisa:- Bishaan qulqulluu (xahaaraa) ta’e tokko najisummaa isaa yoo shakke jalqabatti waan qulqulluu ta’eef jecha qulqulluudha jenna. Gama biraatiin immoo bishaan najisummaa isaatiin beekame tokko qulqullummaa isaa yoo shakke kunis jalqaba isaatti deebi’a – innis najisa. Kunis ĥadiitha Bukhaarii fi Muslim Âbdallaah bin Zayd irraa gabaasaniin caqafameera. Wallaahu a’âlam. � #share_raadiyoo_mb

تعليقات

Raadiyoo MB

Hidda laatiinsa oromoo

RMB

Naamusa hirriibaa

yeroo jettu

kuni haala keenya kan keessa jirru